News and Latest

Laguu umrii waggaa 50 booda dhufu

Laguu umrii waggaa 50 booda dhufu

Gaaffii: Sababiin laguun erga waggaa shaniif namarraa dhaabbatee booda umrii waggaa 50 itti namatti dhufuuf maali? Qorsa "CHOICE" jedhamuu yoo fudhatan fayyuu ni danda'aa?

Deebii: Dubartoota/Haadholii umriin isaanii waggaa 40 fi sanaa ol ta'e irratti marsaan laguu isaanii waggaa tokkoo oliif erga dhaabbatee booda yoo dhiiga argan, dhiigni sun marsaa laguu isa sirrii osoo hin taane mallattoo dhibeewwaan garagaraa ta'uu danda'a malee dhiiga fayyaatii miti. Dhibeewwan sadarkaa addunyaatti lubbuu haadholii galaafataa jiran kanneen mallattoo akkasii agarsiisan keessaa kaansariin fiixee gadaamessaa fi kaansariin keessoo gadaamessaa sadarkaa duraarra kan jiraniidha. Dubartii umriin ishee waggaa 40 olta'e takka waggaa tokkoo fi sanaa oliif erga laguu arguu dhaabdee booda wanti akkasii yoo isii mudate hatattamaan mana yaalaa iddoo ispeeshaalistii ulfaa fi gadamessaa itti argachuu dandeessu deemtee qorannoo taasisuu qabdi.

Qoricha/qorsa laguu dhaabu ykn laguu sirreessa jedhamee yaadamu kan dubartoonni ulfa yeroo malee ofirraa ittiisuuf fayyadaman "CHOICE" kan jedhamu ajaja ogeessaatiin alatti ofumaa dukkaana qorichaatii bitanii fudhachuun sirrii miti; rakkoo akkasiitiif furmaata ta'uus hin danda'u. Dabalataan qorichoonni akkasii kanneen hoormoonii of keessaa qaban dubartoota umriin isaani waggaa 35 olta'een ajaja ogeessa fayyaatiin alatti yoo fudhataman rakkoo hamaaf isaan saaxiluu danda'u. kanaafuu haadholiin mallattoolee akkasii yoo argan qorsa kamiyyuu fudhachuun dura hatattamaan qorannoo kaansarii gadamessaa taasisuu qabu.

Galatoomaa!

(Dr.Jemal mohammed, assistant prof. of OBGYN)

Guyyaa keessaa dhala dhabuu dhiirotaa Deebii isaa waliin

Guyyaa keessaa dhala dhabuu dhiirotaa fi deebii isaa.

Gaaffii: Abbaan warraa kan kanaan dura dubartii biraa wajjii ijoollee baayye horatee jiru haadha warraa lammataa erga fuudhee booda daa'ima argachuu yoo dadhaban abbaa warraaf qorannaa gochuun ni barbaachisaa? eeyye yoo ta'e maaliif barbaachisa? 

Deebii: Eeyye ni barbaachisa, haati warraafi abbaan warraa tokko yeroo ji'a 12/waggaa tokko ta'uuf waliin jiraatanii osoo qusannaa maatii hin fayyadamin yoo xiqqaate torbeetti yeroo 3 qunnamtii saalaa rawwachaa turanii haati warraa ulfaa'uu yoo dadhabde dhala dhaban/subfertile jedhamu. kanaafuu qorannaa jalqaa(basic workup) fi yaala isaan barbaachisa jechuudha. 

Sababiin dhala dhabuu harka dhibba keessaa tokko sadaffaan rakkoo haadha warraa ta'a, tokko sadaffaan rakkoo abbaa warraa ta'a, tokko sadaffaan immoo rakkoo isaan lamaanii ta'a jedhamee tilnaamama.

Abbaan warraa kanaan dura ijoollee qabu guyyaa keessaa dhala dhabuu ni danda'a. fakkeenyaaf ujummoon sanyii kormaa gara alaatti baasu sababii garagaraatiin cufamee sanyiin kormaa(sperm) gara alaattii osoo hin baane dhangala'aan sanyii kormaa baatuuf gargaaru(Semen) qofti yeroo qunnamtii saalaa ba'uu danda'a. kun Azoospermia jedhama. Dubartii takka ulfeeysuuf sanyiin kormaa(sperm) yeroo walqunnamtii saalaa tokkotti dhangala'u miliyoona 39 fi sanaa ol ta'uu qaba ykn mililiitira tokko (1ml) keessatti yoo xiqqaate miliyoona 15 (15milion/ml)fi sanaa ol ta'uu qaba. Inni biraa immoo sochii sanyiin kormaa taasisu. Inniis harka dhibba keessaa yoo xiqqaate parsantaa 32 gara fuulduraatti kan sochoo'u ta'uu qaba.  

Sabaabiiwwan asii olitti ibsaman kanarraa kan ka'e abbaan warraa kanaan dura dubartii biraa wajjiin ijoollee qabaatullee haadha warraa isaa kan ilma wajjiin argachuu dadhaban kana waliin qorannaa barbaachisu taasisuu qaba jechuudha. 

Gaaffii kana hanga tokko deebiseera jedhee yaada. 

Galatoomaa!

(Dr.Jemal mohammed, assistant prof. of OBGYN)

Gaaffii Guyyaa keessaa dhala dhabuu dhiirotaa Deebii isaa waliin

MaleinfertilityMaleinfertility

Gaaffii guyyaa keessaa dhala dhabuu dhiirotaa fi deebii isaa.

What you should do before you get pregnant

  • Think about the lifestyle that might affect your ability to get pregnant and have a healthy pregnancy.
    • This applies to men too.
    • You are more likely to get pregnant if you are both in good health.
  • If you smoke, get advice about stopping and quit it before you become pregnant.
  • Eat a balanced diet.
  • Maintain a healthy weight.
  • You should avoid any type of alcohol if you are pregnant or trying to get pregnant.
  • Take exercise and avoid sedentary life style
  • If you or your partner takes any medication, talk to your doctor before you try to get pregnant.
  • Take 400 micrograms of folic acid daily at least for three months
  • If you already have a baby with spina bifida, or if you have coeliac disease, diabetes, are obese or take anti-epileptic medicines, ask your doctor for more advice. You will need to take a bigger dose of folic acid that requires a prescription.
  • If you have a health condition, for example mental health problems, congenital heart diseases or a family history of any inherited diseases, talk to your doctor before you try to get pregnant
  • Get appropriate treatment if you have communicable disease like syphilis before you conceive
dhugaatii yeroo ulfaa dhoorkamu

dhugaatii yeroo ulfaa dhoorkamu

alkooliii gosa kamiitu dhuguun dhoorkaa dha

Barbaachisummaa Qorannoo altiraasaawundii yeroo ulfaa

Barbaachisummaa Qorannoo altiraasaawundii yeroo ulfaa:

Dubartoonni ulfaa yoo xiqqaate naannoo ji’a shaniitti Altiraasaawundii laalamuun maaliif barbaachisa?

Dubartoonni yeroo ulfa osoo ji’a jaha hin guunne yoo xiqqaate yeroo tokko altiraasaawundii laalamanii ulfi isaanii torbaan ykn ji’a meeqa akka ta’e baruun haalaan barbaachisaa dha. Bu’aa Altiraasaawundii isa jalqabaa hanga guyyaa da’aniitti olkaayyachuunillee baayyee barbaachisaadha. Faayidaawwan naannoo ji’a shaniitti altiraasaawundii laalamuun qabu keessaa muraasni:

Tokkoffaa: dubartiin ulfaa takka erga ji’a sagal fixxee ciniinsuun osoo hin jalqabin yoo yeroon irra dabre (post term) daa’imni garaa keessatti miidhamuu/du’uu waan danda'uuf lilmoo ciniinsuu jalqabsiisu fudhatte da'uu qabdi. Haata'uu malee lilmoo ciniinsuu jalqabsiisu kennuun duratti ulfi tokko dhugumatti yeroon irra dabruun isaa beekkamu qaba. Haala akkasii keessatti altiraasaawundii ji’a jaha dura hojjatameef yoo qabaatte, sana irraa ka’anii ulfi isii yeroon irra darbee jira moo hin darbine kan ja’u adda baasuuf ogeessota fayyaa ishee yaalan haalaan waan gargaaruudha. Ulfi ishee kan yeroon irra dabre(post-term) yoo ta’e hospitaala ciistee haal-dureewwan guutamuun irra jiraatu hundi erga laalameen booda lilmoo ciniinsuu jalqabsiisu fudhattee da’uu qabdi

Lamaffaa: sababa gara garaatiin ulfi garaa keessa jiruu guddina dhaabuu/qancaruu danda’a ykn hammi ootaa(bishaan ulfi kesssa bololi'u) garmalee tiqqaachu danda'a. Ulfi rakkoolee akkasii qabu osoo hin dhalatin hanga ji'a sagalii yoo garaa keessa ture garaatti baduu/du'uu danda'a. Kanaafuu ulfi akkasii osoo yeroon haati iiti deessi ja’amee tilmaamamu (Expected date of delivery) hin ga’in dura akka deessu gochuun barbaachisaadha. ciniinsuun akka eegalu taasisuun(induction of labour) akka deessu gochuun barbaachisaa dha. haala akkasii keessatti ulfi tokko rakkoo guddachuu qabaachuu fi qabaachuu dhabuu isaa beekuufis ta'ee yeroo sanatti umriin ulfa sanaa garaa keessatti meeqa akka ta’e tilmaamuuf kan nu gargaaru Altiraasaawundii jalqabaa kan yeroo ulfi ishee ji’a jaha osoo hin guutin laalamte (early ultrasound) sana jechuudha.

Sadaffaa: Altiraasaawundiin naannoo ji’a shaniitti ogeessaa sirriitiin hojjaatamee bu'aan isaa galmaa'ee ol kaawame ulfi garaa keessa jiru rakkoo uumamaa (congenital anomaly) irraa bilisaa fi fayya 

Afraffaa: Hobbaatiin ulfa sanaa gadaamessa keessaa bakka sirriitti uumamuu fi rakkoo dhangala'uu dhiigaa yeroo ulfaa haadharraan kan ga'u akka hin taane beekuufis ni gargaara

Shanaffaa: Yoo ulfi rakkoo umamaa cimaa kan jiraachuuf hin dandeessine (lethal anomaly) qabachuun isaa osoo ji’a jaha hin guutin beekkame yaala faayyaa ammayyaatiin osoo rakkoo hamaa haadharraan hin ga’in baasuun ni danda’ama. Garuu rakkoon akkasii ji’a torbaan booda yoo kan beekkamu ta’e ofirraa baasuuf yaaluurra hanga ji’a sagal guutee ciiniinsuun uumaa ofiin jalqabuu hordoffii taasisaa turanii iddoo yaalli Gahaan jirutti ykn hoospitaalatti da’uutu irra filatamaadha.

Gaaffii keessan kanneen hafan yeroo biraa itti deebina, Galatoomaa!

(Dr.Jemal mohammed, assistant prof. of OBGYN)

gaaffii karaa fuula feesbookii kilinika giddu-galeessaa dr.jamaal na gaafattaniif

Waa Sadii naan beeka sadiimoo waaqatuu beekaa

1 Akkan hojaadhe jijjiraamu naan beeka jiraadhee akkaan hojadhuu waaqatuu beekaa

2 Akkan du.u beekkaa  yoom akkaan du.u waaqaatu beekaa

3Cubamaa akkaan taa.ee beekaa hammaa cubuu koo waaqatuu beeka jireenyaa lafaa kanaara